Waliigaltee nageenyaa hordofee hidhattoonni WBO moonaa qophaa’efitti galaa jiru

Sadaasa 24/2017(TOI) - Waliigaltee nageenya buusuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti taasifame hordofee guyyaa har’aa miseensonni WBO moonaa qophaa’efitti galaa jiraachuu himame.

Garaagarummaan ejjennoo siyaasaa mariidhaan yoo ta’e malee afaan qawweetiin hiikamuu kan hin dandeenye ta’uu isaarratti walhubannaarra gahuun, wal-waraansa yeroo dheeraa fudhatee madda dararama ummataa ta’e dhaabuudhaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti waliigalteen nageenya buusuu guyyoota muraasaan dura mallattaa’e qabatamaadhaan hojiirra oolaa jira.

Bu’uura waliigaltee kanaatiin guyyaa har’aa miseensonni WBO hidhannoodhaan iddoowwan gara garaatti socho’aa turan hidhannoo isaanii waliin gara moonaa mootummaan qopheesifitti galaa jiru. Ummannis simannaa taasisaafii jira.

Garaagarummaa ejjennoo siyaasaa afaan qawweetiin hiikuuf yaaluun gaaga’ama hawaas-dinagdee fiduun umrii hiyyummaa dheereessuu, dararama lammiilee hammeessuu fi madda saaxilamummaa humnoota alaa ta’uurraa kan hafe furmaanni fidu tokko hin jiru. Kanumarraa ka’uun Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoonni WBO waamicha nagaa fudhatan waliigaltee nagaa waliif mallatteessan qabatamaadhaan hojiirra oolchaa jiru.

Waajjiraa Paartii Badhaanaa Damee Naannoo Oromiyaarraa odeeffanne

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015