Itoophiyaan yaa'ii daldalaa Jarman - Afrikaa 5ffaa irratti hirmaachaa jirti.

Sadaasa 24/2017(TOI) - Itoophiyaa yaa'ii daldalaa Jarman - Afrikaa 5ffaa Keeniyaa Naayiroobiitti geggeeffama jiru irratti hirmaachaa jirti.

Yaa'ii kanarratti Keeniyaatti ambaasaaddar Itoophiyaa Baacaa Dabalee Itoophiyaa bakka bu'uun hirmaacha jiru.

Yaa'ii kanarratti Ministirri Dhimma Alaa fi Diyaaspooraa Keeniyaa doktar Muusaaliyaa Mudaavaadi, Itti aanaa Ministira Muummee Doktar Jarman Roobarit Haabeek, bakka bu’oonni biyyoota Afrikaa fi qooda fudhattoonni damee dhuunfaa hirmaataniiru.

Yaa'iin daldalaa kun Tumsa Misoomaa Jarmaniin(GIZ)'n kan qophaa'e yoo ya'u waliigalaan JarmaanAwurooppaa Afrkaa waliin gama dinagdee fi daldalaan walitti hidhuu fi walitti fiduuf kan kayyeeffatedha jedhameera.

Yaa'iin kun hanga boruutti kan geggeeffamu ta'uu Odeeffannoon Keeniyaatti imbaasii Itoophiyaarra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015