Hidhatoonni duraanii Tigiraay leenii haaromsaa fudhatan 640 deebi'anii hawaasatti dabalaman. - ENA Afaan Oromoo
Hidhatoonni duraanii Tigiraay leenii haaromsaa fudhatan 640 deebi'anii hawaasatti dabalaman.
Sadaasa 24/2017(TOI) - Hidhatoonni duraanii Naannoo Tigiraay hidhannoo hiikkachuun jiddgala Maqalee fi Hidaa Hamusitti leenjii haaromsaa fudhachaa turan 640 leenjii kennamu xumuruun gara hawaasaatti akka deebi'anii dabalaman ta'siifamuu Komishiiniin Haromsaa Biyyaaleessa beeksiseera.
Komishiinii Haaromsaa Biyyaalessaatti daarektarri dimobaalayzeeshinii letenaal koloneel Gosaayee Xilahuun, naannoo Tigiraay jiddugala leenjii haaromsaa Maqalee fi Hidaa Hamusitti kanneen leenjii haaromsa fudhachaa turan hidhatoonni duraanii naannicha 640'n gara hawaasatti deebi'anii akka makaman taasifamuu ibsaniiru.
Jiddugalaawwan leenjii haaromsaa kanatti hidhatoonni duraanii 1360 ta'an adeemsa dimoobilaayzeeshiniirra jirachuu himanii; isaan kun gara fuula duraatti gara hawaasaatti ni dabalamu jedhaniiru.
Hojiin adeemsa dimobilaayzeshiinii kunis dubartootaa fi qaama miidhamtootaf dursa kennuun hojjetama jira jedhaniiru.
Gara fuula duraatti humna keessummeessuu jiddugalaawan haaromsaa guddisuun hanga danda'ametti ariitiin hidhatoota duraanii kanneen gara jiruu idilee isaaniitti deebisuun ciminaan hojjetama jedhaniiru.
Hojii kana keessattis mootummaa federaalaa fi mootummaa yeroo naannichaa gahee isaanii karaa sirriin bahachaa jirachuu ibsanii deeggarsi dhaabbilee tumsitoota sadarkaa aardii fi idil addunyaatti jiru cimee akka itti fufu waamicha taasisaniiru.