Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa ittaanaa ministira naannawaa, bishaanii fi qonnaa Saa’udii Arabiyaa waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa ittaanaa ministira naannawaa, bishaanii fi qonnaa Saa’udii Arabiyaa waliin mari’atan
Sadaasa 24/2017(TOI)-De’eetaan ministira dhimma alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa ittaanaa ministira naannawaa, bishaanii fi qonnaa Saa’udii Arabiyaa Ahimad Biin Saaliih Biin Ayadaah Al Hamshii waliin mari’ataniiru.
Mariin kunis dureeyyiin mootummaa fi dhuunfaa Saa’udii Arabiyaa Itiyoophiyaatti hirmaannaa Invastimantii fi daldalaa keessumaa damee dinagdeerratti qaban guddisuun haala danda’amuu fi wixineen waliigaltwweeanii biyyoota lamaan jidduutti waljijjiirraan sanadii itti taasifamanii adeemsarra jiran haala itti mallatteeffamuu danda’aniratti kan xiyyeeffatedha.
Itiyoophiyaan dhiheenya Saa’udii Arabiyaaf qabduu fi hariiroo seena qabeessa biyyoota lamaan jidduu jirurraa ka’ee akkasumas dandeettii Itiyoophiyaan damee qonnaan qabduu fi fedhii Saa’udii Arabiyaarraa ka’ee Invastimantii qonnaatiin tumsa cimsuun fayyadama waloo mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Dameewwan tumsa dinagdee hawaasa daldalaaf beeksisuun cimuu akka qabu waliigalteerra gahuusaanii odeeffannoon ministeera qonnaarraa argame nimul’isa.