Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaa waltajjii Itiyoophiyummaan itti cimu isa tokkodha

Sadaasa 24/2017(TOI)- Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaa waltajjii Itiyoophiyummaan itti cimu isa tokko ta’uu hayyoonni federaalizimii fi saayinsii Siyaasaa TOIn haasofsiise dubbatan.

Faayidaa guyyaa Saboota, Sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa ilaalchisuun TOIn hayyoota Yuunivarsiitiiwwan Asoosaa fi Amboo keessa hojjetan dubbiseera.

Yuunivarsiitii Asoosaatti barsiisaan barnoota federaalizimii Addaamuu Jibaat, guyyaan Saboota, Sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa kabajamuunsaa Itiyoophiyaan maal akka fakkaattu kan itti arginu akkasumas ilaalcha biyyaa akka qabannu kan nutaasisudha jedhaniiru.

Guyyaan kun Saboonni, Sablammoonnii fi ummattoonni kan itti walbaran, heddumminni beekamtii kan itti argatu ta’uusaa eeranii, dabalataanis Walitti hidhamiinsi akka gabbatu carraa ni’uuma jedhaniiru.

Guyyaan kun wagga waggaan akka Kanaan kabajamaa deemuunsaa Itiyoophiyummaan caalaatti akka cimu, walitti hidhamiinsi ummattootaa akka cimu nitaasisa jedhan.

Amalli federaalizimii heddummina keessatti tokkummaa cimsuu ta’uu ibsanii, heddumminni sirnaan beekamtii akka argatu ayyaanichi faayidaa olaanaa akka qabaatu himaniiru.

Yuunivarsiitii Ambootti barsiisaan saayinsii siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Seenessaa Damisee gamasaaniin, guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaa bifa Kanaan kabajamuunsaa hunda caalaa ijaarsa mootummaaf faayidaa olaanaa qaba jedhan.

Taateewwan adda babayii akkasii waltajjii hundi dhimma biyyasaarratti walqixa murteessuu akka danda’u kan itti mul’atudha jedhaniru.

Ayyaanichi tokko isa biraa kabajuun, garaagarummaa waldandeessisuun tokko kan biraaf beekamtii akka kennu carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Ayyaanni kun ummattoonni biyya cimtuu fi eenyummaa waloo ijaaruuf akka sumas walooma kan itti agarsiisan akka ta’e dubbataniiru.

Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaa 19ffaan Sadaasa 29 bara 2017 magaalaa Arbaa Miincitti nikabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015