Ayyaanni guyyaa Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattootaa 19ffaan naannoo Itiyoophiyaa jiddugaleessaatti kabajamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni guyyaa Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattootaa 19ffaan naannoo Itiyoophiyaa jiddugaleessaatti kabajamaa jira
Sadaasa 23/2017(TOI)- Ayyaanni guyyaa Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattootaa 19ffaan naannoo Itiyoophiyaa jiddugaleessaa godina Yem magaalaa Saajaatti kabajamaa jira.
Ayyaanni kun mata duree “ waliigalteen biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessummaaf” jedhuun sadarkaa naannootti bakka bulchaan naannichaa obbo Indashaawu Xaasoo argamanitti kabajamaa jira.
Ayyaanni kun kabajamuunsaa saboonni, Sablammoonnii fi ummattoonni naannichatti argaman kudhan duudhaa aadaasaanii beeksisuun gamatti walitti dhufeenya ummattootaa cimsee ittifufsiisuun qooda guddaa akka qabaatu himameera.
Agarsiifni duudhaalee sabaa fi sablammootaa garagaraa kan dhihaatan yoo ta’u sanadiin mata duree “sirna sabdaneessummaa, gufuuwwan Itiyoophiyaatti mudachaa jiranii fi tarkaanfiiwwan murtee” jedhuun qophaa’e dhihaatee mariin nitaasifama.
Af-yaa’iin mana maree naannichaa Faaxee Sarmeelloo, hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee naannichaa Dr. Dillaamoo Otoree, af-yaa’iin mana maree sablammootaa naannichaa Abbuttoo Annittoo dabalatee hooggantoonni biroo fi keessummoonni naannolee ollaaraa afeeraman ayyaanicharratti hirmaachaa jiru.