Leenjiin haroomsaa gara hawaasa keenyaatti yoo deebinu carraa qaama misoomaa fi nageenya akka taanu uumudha. - ENA Afaan Oromoo
Leenjiin haroomsaa gara hawaasa keenyaatti yoo deebinu carraa qaama misoomaa fi nageenya akka taanu uumudha.
Sadaasa 23/2017(TOI) - Leenjiin haroomsaa gara hawaasa keenyaatti yoo deebinu carraa qaama misoomaa fi nageenya akka taanu uumudha jedhan Hidhatoonni duraani naannoo Tigiraay beeksisan.
Sagantaan leenjii haaromsaa fi karaa waaraa dhaabuu hidhatoota duraanii naannoo Tigiraay kuma 75 marsaa jalqabaa magaalaa Maqaleetti geggeeffameera.
Sagantaa kanarratti sHoggantoonni mootummaa fedraalaa fi bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay akkasuma dhaabbileen idil addunyaa argamaniiru.
Haaluma kanaan hidhatoonnii duraanii lakkofsaan 320 ta'an kan jiddugala leenjii haaromsaa Maqalee keessa turan leenjii isaanii xumuruun deeggarsi maallaqaa isaan itti karaa waaraa ta'een dhaabaman kennameefi gara haasaatti deebi'aniiru.
Yeroo amma jiddugala leenjii Idaagaa Haamusii fi Maqaleetti hidhatoonni duraanii naannichaa 640 ta'anis leenjii haaromsaa fudhachaa jiru.
Kanneen leenjii haaromsaa fudhachaa jiranis erga waliigalteen Piritooriyaa taasifamee booda leenjii haaromsaa kana argachuu isaanii himaniiru.
Leenjiin haroomsaa argannees gara hawaasa keenyaatti yoo deebinu carraa qaama misoomaa fi nageenya akka taanus uumudha jedhaniiru.
Komishinii Haaromsa Biyyaalessaatti Daarektarri Karoora Sagantaa fi Hordoffii Koloneel Balaay Abbabee akka jedhanitti, tumsa mootummaa federaalaa, bulchiinsa yeroo naannichaa fi tumsa qaamolee michuun hidhattoonni naannoo Tigraay duraanii erga gara hawaasa keessaa dhufaniitti deebi'aniis akka karaa waaraan dhaabbataniif hordoffiin ni taasifama jedhaniiru.
Kana malees, Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa adda durummaan hidhattoonni duraanii qaama misoomaa fi nagaa biyyattii fi naannichaa akka ta’an gargaaruuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa leenjii deebisanii dhaabuutiin waggoota lama keessatti doolaara Ameerikaa miiliyoona 760 ol baasuun naannolee torba keessatti hidhattoota duraanii kuma 371 ol ta’an deebisanii dhaabuuf hojjechaa akka jiru ni beekama.