Itiyoophiyaa fi Saa’udii Arabiyaan Marii siyaasaa taasisan

Sadaasa 23/2017 (TOI) - Itiyoophiyaa fi Saa’udii Arabiyaan kaleessa Riyaaditti Marii siyaasaa taasisaniiru.

De’eetaan ministiraa dhimma alaa ambaasaaddar Misganuu Argaawu fi de’eetaan ministira alaa Saa’udii Arabiyaa Waaliid Abdulkariim Al-kuraaj Marii kana gaggeessaniiru.

Marii kanaanis tumsa damee garagaraan qaban sadarkaa olaanaatti guddisuuf akkasumas dhimmoota gamlamee fi heddumminaarratti tumsa bu’a qabeessa uumuun faayidaa waloo kabachiisuuf waliigaleera gahaniiru.

Hariiroo gamlamee biyyoota lamaanii cimsuu fi hojiirra oolmaa waliigalteewwan mallatteessanii si’achiisuuf waliin akka hojjetan ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015