Itoophiyaan qabeenya beeyladaa gita qabduun daldala al-ergii irraa akka fayyadamtu qindoominni qooda fudhattootaa cimsuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan qabeenya beeyladaa gita qabduun daldala al-ergii irraa akka fayyadamtu qindoominni qooda fudhattootaa cimsuu qaba
Onkoloolessa 30/2017 (TOI) - Itoophiyaan qabeenya beelladaa qabdurraa sharafa alaa barbaachisu argachuun fayyadamummaa ishee guddisuuf hirmaannaan qooda fudhatoota cimuu qaba jedhame.
Ministeerri Qonnaa Abbaa Taayitaa Qonnaa Itoophiyaa waliin ta'uun kan qopheessan waltajjii qopheesuun rokkoolee fi furmaata daladaala ala ergii fooniirratti jiru irratti qooda fudhatoota waliin mari'ataa jiru.
Itti aanaan Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Qonnaa Dr. Hamid Jamaal; Itoophiyaan qabeenya beeyladaa addunyaa irratti adda duree ta'e qabaattus sirnaan itti fayyadamaa hin jirtu jedhaniiru.
Bara baajataa kanatti foon beeyladaa toonii kuma 15 gara gabaa alaatti erguuf karoorfamee hojjetama akka jiru eeraniiru.
Ta'uus garuu hanga ammaatti Foon ergame akka karooraatti hamma eegame akka hin taane himaniiru.
Bu’aa fooyya’aa argachuuf hojiin dabalataa hojjetamuu akka qabus hubachiisaniiru.
Fooyya'insa diinagdee gooroo hordofuun rakkooleen dhiyeessii doolaaraa waliin walqabatan furmaata argachaa akka jiran eeranii, kunis damichaaf abdii guddaa ta'ee jirachuu himaniiru.
Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii Misooma Beeyladaa Itoophiyaa Doktar Asraat Xeeraa damicha irraa caalaatti fayyadamuuf qulqullina mirkaneessuun alatti bakkeewwan gabaa babal’achuu akka qaban hubachiisaniiru.
Chaayinaan gama kanaan fedhii akka agarsiifte kan ibsan Daarektarri Olaanaan kun gabaa guddachaa jiruuf dhiyeessii mijatu uumuuf qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhaniiru.