Yaa’iin ministiroota daldalaa qaxanaa daldala bilisaa ardii Afriikaa 15ffaa taa’amaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin ministiroota daldalaa qaxanaa daldala bilisaa ardii Afriikaa 15ffaa taa’amaa jira
Onkoloolessa 30/2017(TOI)- Yaa’iin ministiroota daldalaa biyyoota miseensa qaxanaa daldala bilisaa ardii Afriikaa 15ffaan galma walgahii gamtaa Afriikaatti taa’amaa jira.
Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa Dr. Kaasahuun Goofee wayita kana akka jedhanitti, yaa’iin kun kallattiiwwan Afriikaa waloomaan bu’a qabeessa taasisan agarsiisuuuf, rakkoolee furuu fi dhimmoota ijoorratti mari’achuuf nidandeessisa.
Mariin kun muuxannoo walii qooduu fi furmaatota qabatamaa gara jijjiiramaatti geessan adda baasuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Itiyoophiyaan hirmaannaa sektara dhuunfaa, invastimantii kallattii alaa fi dijitaal tiraanisfoormeeshinii jajjabeessuun riifoormii guddinarratti xiyyeeffate gaggeessaa akka jirtu ministirichi dubbataniiru.
Qaxanaan Daldalli bilisaa Afriikaa tajaajilootaa fi daldalli meeshaalee gabaa waloo tokko uumuuf carra guddaa fiduusaa ibsanii, biyyoota miseensota jidduutti daldala si’achiisuun, Industiraalaayzeeshinii ijaaruun carraa bal’aa kan uumudha jedhaniiru.
Itiyoophiyaan tumsoota Afriikaatti taasifaman kamiyyuu, mirkanaa’uu wabiin nyaataa, industiraalaayizeeshinii fi ijaarsa dinagdeerratti biyyoota miseensotaa waliin dhaabachuun qoodashee akka baatu ibsuusaanii odeeffannoon ministeera daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaarraa argame nimul’isa.