Torbeen agarsiisa Faashinii Afrikaa 10ffaan Finfinneetti baname. - ENA Afaan Oromoo
Torbeen agarsiisa Faashinii Afrikaa 10ffaan Finfinneetti baname.
Onkoloolessa 29/2017(TOI) - Torbeen agarsiisa 'Sorsinigii fi Faashinii' Afrikaa 10ffaan Finfinneetti baname.
Agarsiisa kanarratti biyyoota 30 irraa dhaabbileen adda addaa 250 ol hirmaataniiru.
Sirna banisa sagantaa kanarratti Ministirri Indastirii Malaakuu Allebal, Ministira Turizimii Salaamawit Kaasaa fi dippilomaatonni argamaniiru.
Agarsiifni kun har'a irraa eegalee guyyoota afuriif kan geggeeffamu yoo ta'u dhaabbileen oomisha huccuu, gogaa fi Faashiniirratti hojjetan 250 biyyoota 30 irraa oomishaa fi tajaajila isaanii beeksifachaa jiru jedhameera.
Akkasuma biyyoota 60 irraa kan dhufan daldaltoonni kuma 7 ta'an hirmaataniiru.
Agarsiifni kun Itoophiyaanonni damee kanarratti hojjetan indatiriin huccuu fi gogaa sadarkaa idil addunyaatti maal irra gahe akka hubatan carraa kan uumudha jedhameera.