Koreen muummee hooggansa riifoormii tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaa walgahii idilee lammaffaa taa’e

Onkoloolessa 29/2017(TOI)- Koreen muummee hooggansa riifoormii tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaa walgahii idilee lammaffaa taa’uusaa Ittaanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Ittaanaan ministira muummee ergaa fuula marsariitiisaaniin dabarsaniin rakkoolee gama tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaan mul’atan  bu’urarraa furuuf riifoormiin eegalamuusaa ibsaniiru.

Hojiileen riifoormii komishinii siviil sarviisiin hojjetaman daawwatamuusaanii ittaanaan ministira muummee ibsanii hojiileen boqonnaa duraa marsaa jalqabaa dhaabbilee saddet boqonnaa kana keessa galfaman bakka argamanitti qoratamuusanii eeraniiru.

Jalqabbii keenya kana fuuldura cimsinee ittifufsiisuu fi dhaabbileen riifoormii kana keessatti hammatamanis haala muuxannoo itti waljijjiiran uumuun danda’ameera jedhan.

Dhaabbileen hojii raawwatan bal’inaan ilaaluun ciminoota, hanqinootaa fi dhimmoota fuuldura irratti xiyyeeffataman irrattis kallattiin kaa’amuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015