Bara kana oomishaalee bunaa gabaa alaatti ergaman irraa Doolaara biiliyoona 2 argachuuf karoora qabame galmaan ga’uuf hojjiiwwan dandeesisan hojjetama jiru.

Onkoloolessa 29/2017 (TOI) - Oomisha bunaa qulqullina qabu dabaluu, galtee itti dabaluu fi filannoo gabaa babal’isuudhaan bara baajataa kana daldala bunaa irraa doolaara biiliyoona 2 argachuuf karoora qabame galmaan ga’uuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa beeksise.

Waggoota jahan darbanitti buna hojii ashaaraa magariisaatiin walqabsiisuun waan hojjetameef oomishni bunaa giddu galeessaan waggaatti toonii kuma 100 dabaluu isaa Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.

Haaluma kanaan bara darbe buna al-ergii irraa doolaarri biiliyoona 1.43 argamuun eerameera.

Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad dhiheenya kana haasaa mana maree bakka bu'oota uummataatti taasisaniin Itoophiyaan oomisha bunaa baay’inaafi qulqullinaan gabaa addunyaaf dhiyeessuudhaan sadarkaa ishee ol guddisuuf hojjecha jirachuu dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa doktar Addunyaa Dabalaa TOI'tti akka himanitti; Bara baajataa 2017tti abbaan taayitichaa buna baay’inaafi qulqullinan gabaa alaatiif dhiyeessuudhaan galii sharafa alaa guddisuuf hojiilee hedduu raawwachaa jira.

Bara baajataa kana buna toonii kuma 400 ol gabaa alaatiif dhiyeessuudhaan sharafa alaa doolaara biiliyoona 2 argachuuf karoorfamuu eerannniru.

Haaluma kanaan hanga ammaatti buna toonii kuma 115 gara gabaa biyya alaatti erguu doolaarri miiliyoona 520 irraa argamuu himaniiru.

Sharafni alaa ji’oota sadii keessatti argame kun kan bara darben yoo madaalamu bara bajatichaatti galiin doolaarri biyoonni 2 argachuuf karoorfame galma ga’uu akka danda’u kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Karoora bara baajataa kaa’ame galmaan ga’uuf oomishaa fi oomishtummaa bunaa guddisuun akkasumas buna qulqullina qabu gabaaf dhiyeessuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

May be an image of 1 person and text that says 'WELO AM C A A TN'

 

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015