Naannawwaa daldala bilisaa ardichaa si'eesuuf adeemsa dijitaalaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha

Onkoloolessa 29/2017(TOI) - Hojiirra oolmaa naannawwaa daldala bilisaa ardichaa si'eesuuf adeemsa dijitaalaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta'uun eerame.

Mana barnooraa biizinesii Chaayinaa fi Afrikaatti daarketarri kampaasii Afrikaa pirofeesar Maatiwuu Samiinii TOI'tti akka himanitti Afrikaa badhaate uumuuf sagantaawwan hojiirra oolaniif tekinolojiin murteessadha.

Daladaalaa fi dinagdee Afrikaa cimsuun badhaadhina mirkaneessuu sagantaawwan hojiirra oolan keessa naannawwaan daldala bilisaa Afrikaa tokko ta'uu yaadachiisaniiru.

Ummata biliyoona 1.3 ardicha keessa jiraatu jiddutti sirna daldalaa raawwatamu cimsuun Afrikaa tokkummaa uummata ishee cimee fi badhaadhinni ishee mirkanaa'e uumuuf sagantaa kana sirritti hojiirra oolchuun sirri ta'u himaniiru.

Daldala karaa elektiroonikisii babal'isuu,qambannaa fi wal jijjira odeeffannoo dijitaalaa cimsuu akkasumaadeemsa tekinolojiin deeggarame hojiirra oolchuun barbaachisaa ta'uu himaniiru.

Bu'uuralee misoomaa tekinolojii babal'isuu, hammattoo seeraa qopheesuu, tumsa cimsuu akkasuma damicha mareef banaa taasisuurratti xiyyeeffannoon hojjeatamuu qaba jedhaniiru.

Gama kanaan Itoophiyaan bu'uuralee misooma tekinoojii babal'isuu, ogummaa cimsuu fi kalaqa jajjabeesuun hojiin hojjechaa jirtu kan jajjabeeffamudha jedhaniiru.

May be an image of 1 person, newsroom, dais and text

Like

Comment

Send

Share

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015