Dureeyyiin Chaayinaa hirmaannaa daldala alergii qonnaa Itiyoophyaarratti qaban akka guddisan waamichi taasifame

 Onkoloolessa 29/2017 (TOI)- Dureeyyiin Chaayinaa hirmaannaa daldala alergii qonnaa Itiyoophyaarratti qaban cimsanii akka ittifufan Chaayinaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Tafarraa Darriboo waamicha taasisan.

Itiyoophiyaan yaa’ii galteewwan nyaata galii Chaayinaa adeemsifame cinaatti eksipoo daldala galii udil addunyaa Chaayinaa Irraattihirmaatteetti.

Eksipoo fi yaa’iin kun mana maree daldalaa Chaayinaatiin qophaa’e.

Chaayinaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Tafarraa Darriboo haawasa yaa’icharratti taasisaniin, oomishaaleen alergiin Itiyoophiyaan Chaayinaatti ergaa jirtu dabalaa dhufuu ibsaniiru.

Fedhiin dureeyyiin Chaayinaa oomisha Itiyoophiyaa bituuf qabanis guddachuusaa himaniiru.

Embaasiin Itiyoophiyaa Beejingitti argamu oomishoota alergii qonnaa beeksisuu fikanneen bitan waliin walitti qindeessuuf qophii ta’uu dubbataniiru.

Dureeyyii oomishaalee Itiyoophiyaarratti galtee dabaluun በhojjechuuf fedhii qabaniif waamicha kan taasisan ambaasaaddarichi, onnachiiftuuwwan garagaraa akka qophaa’an ibsuusaanii odeeffannoon Embaasiin Itiyoophiyaa Beejingitti argamu nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015