Yuunivarsiitichi sanyiiwwan Saliixii qorannoon argate lama qonnaan bulaa biraan gahuuf baay’isaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yuunivarsiitichi sanyiiwwan Saliixii qorannoon argate lama qonnaan bulaa biraan gahuuf baay’isaa jira
Onkoloolessa 29/2017(TOI)-Yuunivarsiitiin Haroo Mayaa sanyiiwwan Saliixii qorannoon argate lama qonnaan bulaa biraan gahuuf baay’isaa akka jiru beeksise.
Maaneejiing daarektariin wiirtuuwwan qorannoo fi faasiliitiiwwanii Yuunivarsiitichaa Ibsaa Aliyyi akka ibsanitti, Yuunivarsiitiin Haroo Mayaa sanyiiwwan Saliixii qorannoon argate baay’isuun qonnaan bulaa biraan gahaa tureera.
Yuunivarsiitichi midhaan, beelladaa fi teeknooloojiiwwan biroo qorannoon argate qooda fudhattoota waliin ta’uun madaqsuu, babal’isuu fi qonnaan biraan gahaa akka jiru himaniiru.
Hojiin Sanyii filatamaa baay’isuu wiirtuuwwan qorannoo Yuunivarsiitichaa, buufata leenjii qonnaan bultootaa fi oyiruu qonnaan bulaarratti akka hojjetamu eeraniiru.
Sanyiiwwan Saliixii ongee damdamatanii, baatii sadii keessatti oomisha heektaararraa kuntaala 7 amma 8 akka kennan himaniiru.
Sanyiiwwan Saliixii qorannoon argaman lama ‘Bahaa, Naccoo fi Bahaa zayit’ kan jedhaman yoo ta’u, oomishtummaansaanii sadarkaa biyyaalessaatti mirkanaa’ee kan gadi lakkifamanidha jedhaniiru.