Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Daandii Qilleensaa Koongoo Kinshaasaa ji'a 1 keessatti hundeessuuf qophii xumure

Onkololeessa 29/2017(TOI) -Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Daandii Qilleensaa Dimookraatawaa Koongoo Kinshaasaa ji'a 1 keessatti tajaajila eegalchiisuuf akka jiru hojii gaggeessaan garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfiin Xaasow beeksisaniiru.

Obbo Masfin Xaasoow TOI'tti akka himanitti; daandiin qilleensichaa akkatuma mul'ata isaatiin sadarkaa irra gahuuf yaade gahuuf kallattii hundaan guddina ariifataa galmeessa jira.

Keessattu daandiiwwan xiyyaara Afrikaa hundeesuu keessatti daandiin qilleensichaa muxannoo akka qabuu fi yeroo dhihoos daandii qilleensa Koongoo Kinshaasaa haaraa hundeesuuf mootummaa biyyichaa waliin waliigalteerra gahuu beeksisaniiru.

Haaluma kanaan daandiin qilleensa Itoophiyaa gahee dhibbeentaa 49 akkasuma mootummaan koongoo dhibbeentaa immoo 51 qabachuun Sadaasa dhufu irraa eegalee daandiin qilleensaa haraan teessoon isaa Kinshaasaa ta'e gara hojiitti akka galu beeksisaniiru.

Angoon Daandii qilleensaa Eeri Koongoos bulchuus guutummaa guutuutti gahee Daandii Qilleensa Itoophiyaa akka ta'u beeksisaniiru.

Daandiin qilleensichaa tajaajila isaa xiyyaaroota lamaan balalii biyya keessa kan jalqabu fi ji'a jahaan booda immoo lakkoofsa xiyyaarota dabaluun gara biyyoota oollaatti balalii kan jalqabu ta'uu himaniiru.

Lakkofsi uummata Koongoo guddaa ta'uu hordofee fedhiin tajaajila geejiba qilleensarraa guddaa ta'uu himaniiru.

Kun immoo bu'a qabeesummaa daandii qilleensa Itoophiyaaf murtaasaa ta'uu eeraniiru.

Kanaaf daandii qilleensichaa ariitiin gara hojiitti galchuuf hojjetama jira jedhaniiru.

May be an image of 1 person and text

Like

Comment

Send

Share

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015