Ministeerri Industirii fi Biig Wiin Fiilantiroopiin waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan - ENA Afaan Oromoo
Ministeerri Industirii fi Biig Wiin Fiilantiroopiin waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan
Onkoloolessa 28/2017(TOI)- Ministeerri Industirii fi Biig Wiin Fiilantiroopiin waliin hojjechuuf waliigaltee har’a mallatteessaniiru.
Ministiirri Industirii Malaakuu Allebal fi hojii raawwachiisaan olaanaa Biig Wiin Fiilantiroopii Dr. Kesetebirhaan Admaasuu waliigalticha mallatteessaniiru.
Waliigaltichi milkaa’ina mul’ata ministeerichaaf deeggarsa teekniikaa fi hordoffii pirijektootaa f taasisuu akkasumas humna raawwachiisuu gabbisuuf akka kaayyeffate ibsameera.
Huccuu, bu’aalee qonnaa, gogaa, keemikaalaa fi konistiraakshinii, teeknooloojii, bu’aalee faarmaasiitiin carraa hojii uumuun qaama waliigaltichaati.
Ministirri Industirii akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2030 Itiyoophiyaan wiirtuu Industirii akka taatu mul’ata kaawwatee hojjechaa akka jiru odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.