Pirezidaantiin Rippaabiliikii Seraaliyoonii fi ministirri muummee Giinii hojiiwwan misoomaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti hojjetaman daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidaantiin Rippaabiliikii Seraaliyoonii fi ministirri muummee Giinii hojiiwwan misoomaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti hojjetaman daawwatan

Onkoloolessa 28/2017(TOI)- Pirezidaantiin Rippaabiliikii Seraaliyoonii fi ministirri muummee Giinii hojiiwwan misoomaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaa sadarkaa maatiitti hojjetaman daawwataniiru.
Ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee, ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad fi hooggantoonni mootummaa olaanoo biroon daawwannaa kanarratti argamaniiru.
Hojiiwwan misoomaa Avokaadoo fi Paappaayyaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti kilaastaraan hojjetaman daawwatamaniiru.
Dabalataanis hojiiwwan misooma muduraa fi horsiisa beelladaa wabii nyaataa mirkaneessuuf sadarkaa maatiitti hojjetamaa jiran daawwatamaniiru.
Itiyoophiyaan sadarkaa maatiitti wabii nyaataa mirkaneessuun badhaadhina waliigalaa mirkaneessuuf cimtee hojjechaa akka jirtu wayita kanatti ibsameera.