Itiyoophiyaan agarsiisa idil addunyaa rippaabiliikii Kooriyaatti adeemsifamerratti oomisha Bunaa fi aadaashee beeksifte - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan agarsiisa idil addunyaa rippaabiliikii Kooriyaatti adeemsifamerratti oomisha Bunaa fi aadaashee beeksifte

Onkoloolessa 28/2017(TOI)- Itiyoophiyaan agarsiisa idil addunyaa rippaabiliikii Kooriyaatti adeemsifamerratti oomisha Bunaa fi aadaashee beeksifteetti.
Agarsiifni ‘Seoul International Cafe Show’ kan waggaa waggaan dhihaatu kaleessa wiirtuu egzibiishinii See’olitti argamu Ko’eksitti jalqabameera.
Embaasiin Itiyoophiyaa Se’ulitti argamuu fi waldaan Bunaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun Buna Itiyoophiyaa fi aadaashee beeksisaa jiru.
Sirna Itiyoophiyaatti Bunni itti danfu bakka agarsiisaa Itiyoophiyaaf qophaa’erratti dhamdhamni bunaa uumammaa nyaata Itiyoophiyaa ibsan waliin daawwattootaaf dhihaateera.
Rippaabiliikii Kooriyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dasee Daalkee agarsiisa kana daawwatanii pirezidaantii waldaa Buna ergitootaa Itiyoophiyaa Dassaaleny Janaa fi kanneen buna ergan waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Daseen bakka agarsiisa Kaampaaniiwwan Buna Itiyoophiyaa biyyasaanii galchanii daawwataniiru.
Daawwannaa Kanaan Ayyaantuu Koofii fi gaggeessitoota kaampaanii Bunaa biroo waliin mari’achuusaanii odeeffannoon Embaasii Itiyoophiyaa See’uulitti argamuu nimul’isa.
Agarsiifni idil addunyaa ”Seoul International Cafe Show” jedhamu kun amma Onkoloolessa 30 bara 2017tti nitura.