Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin tumsa sektara qonnaan qaban cimsuun haala danda’amurratti mari’atan

Onkoloolessa 27/2017(TOI)- Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin tumsa sektara qonnaan qaban cimsuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.

Xaaliyaanitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dammituu Hambisaa sirna baniinsaa agarsiisa maashinariiwwan qonnaa idil addunyaa (EIMA) 46ffaa Bolonyaatti har’a jalqabame irratti hirmaataniiru.

Ambaasaaddar Dammituun agarsiisa kana cinaatti ministira qonnaa Xaaliyaanii Firaancheeskoo Loloobiriigiidaa waliin tumsa gamlamee biyyoonni lamaan gama qonnaan qaban cimsuun haala danda’amurratti yaada waljijjiiraniiru.

Ambaasaaddar Dammituun teeknooloojiiwwan Itiyoophiyaaf mijatan ceesisuun haala danda’amurratti Kaampaaniiwwan maashinarii qonnaa oomishan waliin mari’ataniiru.

Kaampaaniiwwan maashinarii qonnaa oomishan Xaaliyaanii fi biyyoota garagaraa biroorraa walitti dhufan kuma 1 fi 750 hirmaachaa akka jiran odeeffannoon Xaaliyaaniitti embaasii Itiyoophiyaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015