Akkaawuntiiwwan seeraan alaa tajaajila galmee daldalaa fi hayyama sobaa karaa onlaayinii kennaa tura 339 cufaman.

Onkoloolessa 27/2017 (TOI) - Akkaawuntiiwwan seeraan alaa tajaajila galmee daldalaa fi hayyama sobaa karaa onlaayinii kennaa tura 339 cufamuu Biiroo Daldalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi Hojjettootaa fi hoggantoota sadarkaa sadarkaan jiran 136 sirni daldalaa akka sirrii hin taaneef hojjechaa turan irrattis tarkaanfiin seeraa fudhatamuu ibsameera.

Biirichi bara bajataa kanatti qaawwa galmee fi hayyama daldalaa onlaayinii irratti mul’ate fi tarkaanfiiwwan sirreeffamaa ji’oota sadan darban kanatti fudhataman ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kenneerra.

Ibsicha kan kennaan itti aanaan hogganaa Biirichaa obbo Fisahaa Xibabuu; biirichi sirna hojii ammayyaa dameen daldalaa haqa qabeessa, dorgomaa fi dhaqqabamaa akka ta’u taasisu qopheessaa jira jedhaniiru.

Haaluma kanaan kutaalee magaalaa 11 fi aanaalee jiranitti sirna hojii karaa onlaayinii adeemsifamu diriirsuun galmee fi hayyamni daldalaa qulqullina qabuu fi saffisaa ta'e akka kennamu ta'eera jedhaniiru.

Adeemsa kanaanis sirni karaa teeknooloojiin galmee daldalaa fi hayyama kennuu kun kaayyoo yaadameef akka hin oolle kutaa magaalotaa torbatti Akkawuntii(Lakkofsi herreegaa) seeraan alaa 339 banamuu fi tajaajila kennaa turuun hubatameera jedhaniiru.

Akkaawuntiiwwan(Lakkofsa herreegaa ) sobaa baname kanattis gibira osoo hin kaffaliin haaromsa hayyama daldalaa, hayyama daldalaa haaraa, tajaajilli jijjiirraa damee fi jijjiirraa kaappitaalaa kennamaa akka ture argamuu ibsaniiru.

Hojjettootaa fi hoggantoota sadarkaa sadarkaan jiran 136 herrega onlaayinii sobaa banuun hawaasa daldalaa waliin waliigaluun sirni daldalaa haala gaariin akka hin deemnee taasisaan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu ibsaniiru.

Hojjetootaa fi hoggantoota kanneen irratti tarkaanfiiwwan adabbii naamusaa irraa kaasee hanga hojii irraa ari’amuutti fudhatamuu ibsaniiru.

Itti dabaluunis tajaajiloota 430 tajaajila herrega onlaayinii sobaatiin galmee daldalaa fi hayyamni kennameef itti hin fayyadamne jedhan.

Tajaajila onlaayinii yeroo yeroon fooyyessuun hojiiwwan to’annoo fi hordoffii giddugalicha keessatti cimsuuf hojiiwwan seeraan alaa ittisuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhaniiru.

Hawaasni karaa herrega sirrii dhaabbatichaatiin tajaajila saffisaa fi gahumsa qabu akka argatu hubachiisanii; namoota akkaawuntii dogoggoraatiin hojjetanis akka saaxilu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015