Bulchaan bulchiinsaa Tilaahuun Kabbadaa sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa sadarkaa naannootti jalqabsiisan

Adoolessa 05/2016(TOI)- Bulchaan bulchiinsa naannoo Itiyoophiyaa Kibbaa Tilaahuun Kabbadaa sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa baranaa sadarkaa naannootti godina Walaayittaa aanaa Bolosoo Soorootti jalqabsiisan.

Hooggantoonni naannoo fi godinaa  fi kutaaleen hawaasaa garagaraa sagantaa jalqabsiisaa aanicha ganda Moxaalaa Himbachootti raawwatamerratti argamaniiru.

Sagantaa biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa baranaatiin naannichatti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban akka dhaabaman beekameera.

Biqiltuuwwan tajaajila nyaataa, gaaddisaa fi bosonaaf oolan dhaabuuf karoorfamuun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015