Beekumsa man-dhalee ijaarsa daagaa qabnu fayyadamuun naannaawwa qabeenyi uumamaa irraa mancaa'ee ture deebisnee misoomsun irraa fayyadamoo taaneera.

Adoolessa 4/2016(TOI) - Beekumsa man-dhalee ijaarsa daagaa qabanitti fayyadamuun naannaawwa qabeenyi uumamaa irraa mancaa'ee ture deebisanii misoomsun irraa fayyadamoo ta'uu kutaaleen hawaasaa godilee Harargee fi Konsooraa hojii daagaa ijaaruu naannaawwaa pirojeektii Caakkaatti hojjechaa turan himan.

Kutaaleen hawaasa adda addaa godinaalee Harargee fi Konsoorra dhufan Finfinnee naannawwaa pirojeektii Caakkaatti hojii daagaa hojjecha jiru.

Guyyaa har'aa Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad fi Giifti duree Zinnaash Taayyachoo hojjetoota Wajjira Ministira Muummee waliin ta'uun sagantaa ashaaraa magariisaan naannawwaa pirojeektii Caakkaatti daagaa hojjetamerra biqiltuu dhaabaniiru.

Hojii kanaan biqiltuu Baargamoo kanaan dura lafa kanarra ture biqiltuu biyya keessaa(Man-dhaleen) bakka buusuun dhaabamuun himameera.

Naannaawwaa kanatti hojii daagaa hojjechuurratti hirmaachaa kan jiran kutaaleen hawaasaa godinaalee Harargee fi Konsoorra dhufan hojiin daagaa aadaan dur qabnu naannawwaa qabeenyi uumamaa irraa manca'e deebisanii dhaabuuf fayidaa gudda qaba jedhaniiru.

Godina Harargee bahaa irraa kan dhufa obbo Abduraazaaq Miliyoon naannawwaa isaaniitti qabeenyi uumamaa lafarraa mancaa'uu himanii kana deebisuuf hojiin hedduun hojjetamuu himaniiru.

Kanaanis milkaa'inni argamuu himaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabuu qofaa osoo hin taane beekumsa man-dhalee fayyadamuun eegumsa naannoo fi ijaarsi daagaa bal'inaan hojjetamuu qabu jedhaniiru.

Naannaawwaa isaaniitti bakka baay'iitti hojii kana hojjechuun naannawwaa qabeenyi uumamaa irraa manca'ee waan deebi'ee jabanateef keessatti beellada furdisuu dabalatee hojii biroo keessatti hojjechuun irraa fayyadamoo ta'uu danda'uu himaniiru.

Muuxannoo kana fayyadamuun Finfinnee naannawwa Pirojeektii Caakkaattis hojii daagaa hojjechu kana hojjecha jirachuu eeraniiru.

Godina Harargee Lixaarra kan dhufe obbo Buzaayyoo Dajanee gama isaaniin naannaawwa dhufanitti hojii kunusa naannoo adda addaa hojjechuun qabeenya uumamaa mancaatirra baraaruun cinaatti fayidaa irraa argachaa jirra jedhaiiru.

Bakkeewwan daagaan hojjetama keessaatti nyaata beelladaa misoomsuun fayyadamoo ta'uu danda'uu eeraniiru.

Muuxannoo naannawwaa isaanitti qaban kana fayyadamuun Finfinnee dhufanii naannawwa pirojeektii Caakkaatti hojii daagaa hojjechuu irratti hirmaacha jirachuu himaniiru.

Naannoo Kibbaa Itoophiyaa godina Konsoorraa kan dhufa obbo Gargasoo Dagaasaa gama isaaniin hojiin daagaa hojjechuu uummata Konsoo biratti hojii baramadha jedhaniiru.

Aadaa hojii daagaa hojjechuu qabnu kana fayyadamnee naannaa pirojeektii Caakkaatti daagaa hojjecha jirra jedhaniiru.

Hojiin kunis dhiqama biyyee sadarkaa olaanaan kan ittisu ta'uu eeranii hojiin akkanaa kun gara biraattis babal'achuu qaba jedhaniiru.

+8

See insights and ads

Boost post

Like

Comment

Send

Share

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015