Sagantaan ashaaraa magariisaa beekumsa man-dhalee eegumsa biyyoo akka babal'atu haala mijataa uumeera - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan ashaaraa magariisaa beekumsa man-dhalee eegumsa biyyoo akka babal'atu haala mijataa uumeera

Adoolessa 4/2016(TOI) -Sagantaan ashaaraa magariisaa beekumsa man-dhalee eegumsa biyyoo akka babal'atu haala mijataa uumuu Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad himan.
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad fi Giifti duree Zinnaash Taayyachoo hojjetoota Wajjira Ministira Muummee waliin ta'uun sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabaniiru.
Sagantaa kanaan Pirojeektii Caakkaa keessaatti hojii daagaa hojjechuu man-dhalee kutaaleen hawaasaa naannawwaa Harargee fi Konsoorraa dhufaniin hojjetameerra biqiltuu dhaabani.
Hojii kanaan biqiltuu Baargamoo kanaan dura lafa kanarra ture biqiltuu biyya keessaa(Man-dhaleen) bakka buusuun dhaabamuun himameera.
Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad wayita kana akka himanitti hojiin sagantaa ashaaraa magariisaa bara kana hojjetamu haala kanaan dura tureerran karaa adda ta'een kan hojjetamu ta'uu himaniiru.
Kanaaf akka fakkenyaatti dhiqama biyyaa naannawwaa pirojeektiin Caakkaa itti hojjetamutti mudachaa jiru hambisuuf hojiin daangaa hojjechuu man-dhalee hawaasa kutaalee hawaasaa naannawwa Harargee fi Konsoorraa dhufaniin hojjetamuu himaniiru.
Kunis naannawwa pirojeektii Caakkaatti kanaan dura biqiltuu dhaabuun rakkisaa kan ture ta'uus amma hojiin misooma magariisaa akka hojjetamu haala mijataa uumeera jedhaniiru.
Naannawwaa kanatti yeroo ammaa biqiltoota man-dhalee ta'anii fi fuduraa adda addaa kanneen akka Appilii hojiin misoomsuu hojjetama jiraachuus eeraniiru.
Qonnaan bultoonni naannawwaa Konsoo fi Harageerraa dhufan yeroo gabaabaa keessaatti hojii daagaa hojjechuu xumuruu himanii; beekumsi mandhalee biyyatti keessa bakka adda addaa jiran kan akkana sadarkaa biyyaatti babal'achuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Beekumsi kununsa naannoo mandhaleen naannawwa miidhaa uumuuf kan gargaaran ta'uu eeranii; kanaan humna gama kanaan qabnu karaa seeraan itti fayyadamuun barbaachisaadha jedhaniiru.