Hojiin keenya wayitii biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa jalqabbii gaarii galma kaawwanne milkeessurra jira-ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Hojiin keenya wayitii biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa jalqabbii gaarii galma kaawwanne milkeessurra jira-ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad

Adoolessa 04/2016(TOI)- Hojiin keenya wayitii biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa jalqabbii gaarii galma kaawwanne milkeessurra jira jedhan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin guyyaa har’aa iddoo pirojektii bosonaatti biqiltuuwwan Appilii dhaabneerra jedhan.
Kaka’umsi hawaasni keenya biqiltuu dhaabuuf qabu oaanaadha jedhan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad.
Biqiltuu dhaabuu baranaa bakka kanatti taasifame kan adda godhu Baargamoo Kanaan dura ture kaasuun hojii daagaa fi biqiltuu biyya keessaatiin kan bakka buufame ta’uu dabalanii ibsaniiru.
Ummattoonni naannawa Hararii fi Koonsoorraa dhufan dandeettiisaanii biyyoon akka hindhiqamne taasisu nuuf qoodaniiru jedhan.
Carraaqqii ashaaraa magariisaa magaalota keessatti hojjennu waliin babal’ifnee uwwisa magariisaa Finfinnee dabaluu nidandeenya jedhan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad.