Godina Harargee bahaatti sagantaan ashaaraa magariisaa bara kanaa aanaa Gooroo Guutuutti jalqabame

Adoolessa 3/2016 (TOI) - Naannoo Oromiyaa godina Harargee bahaatti sagantaan ashaaraa magariisaa bara kana aanaa Gooroo Guutuutti jalqame.

Sagantaa jalqabsiisa sagantaa ashaaraa magariisaa kanarratti hoggantoonni hojii mootummaa naannoo, godinaa fi aanaa akkasuma qonnaan bultoonnii fi kutaaleen hawaasaa biroon argamaniiru.

Sagntaa ashaaraa magariisaa bara kana kan mata duree ''Biyya dhaabdu, dhaaloota waaressu'' jedhuun geggeeffama jiru godina Harargee bahaatti aanaa Gooroo Guutuu gaara burqaa jaalalaarra biqiltuu dhaabuun jalqabameera.

Akka Godinichaatti bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu kuma 324 dhaabuuf karoorfamuu itti gaafataman waajjira qonnaan godina Harargee Bahaa obbo Geetaahuun Nigaatuu himaniiru.

Biqiltuu dhaabamu keessaa dhibbeentaan 40 kan ta'u nyaataf kan oolaan akkasuma dhibbeentaan 60 immoo bosonaafi qonna fi bosona wal keessa akkasuma nyaata beelladaa ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015