Sagantaan ashaaraa magariisaa eegumsa naannoo cimsuu bira darbee dargaggoota hedduuf carraa hojii uumeera - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan ashaaraa magariisaa eegumsa naannoo cimsuu bira darbee dargaggoota hedduuf carraa hojii uumeera

Adooleessa 3/2016(TOI) - Sagantaan ashaaraa magariisaa eegumsa naannoo cimsuu bira darbee dargaggoota hedduuf carraa hojii uume ta'uu dargaggoonni godina Jimmaa TOI dubbise himan.
Godinichatti bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan kuduraa fi fuduraa adda addaa akkasuma nyaata beelladaa dabalatee biqiltuu biliyoona tokkoo ol dhaabuuf qophiin taasifamuun himameera.
Godinichatti sagantaa ashaaraa magariisaan dargaggoota hedduuf carraan hojii uumamuunis himameera.
Daraggoonnii carraan hojii uumameef kan TOI dubbise akka himanitti carraa hojii uumameefis of bira darbee maatii isaanii deeggaraa jirachuu himaniiru.
Buufata biqiltuun itti qophaa'utti qacaramanii hojjechuun cinaatti qofaatti hiriyoota isaanii waliin ta'uun biqiltuu qopheesuun gabaaf dhiheessanii irraa fayyadama ta'aa jirachuu eeraniiru.
Hojii hojjetaniis sagantaa ashaaraa magariisaa kanaan warra kaaniif illee fakkeenya ta'aa jirachuu himaniiru.
Ogeessa qonnaa kan ta'an obbo Axinaaf Abaatee akka himanitti; sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaaf waliigalaan hawaasa keessaayyummoo dargaggoota walitti fiduun qophiin gahaan taasifameera.
Itti gaafatamaan wajjira qonnaa godina Jimmaa obbo Mahaammad Xahaa Abbaa Fiixaa hojii sagantaa ashaaraa magariisaan daraggoota kuma 15 caalaniif carraan hojii uumameera jedhaniiru.