Sagantaan ashaaraa magariisaa eegumsa naannoon alatti carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru ibsame

Adoolessa 02/2016(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa eegumsa naannoon alatti wabii nyaataa mirkaneessuu fi carraa hojii lammiileef uumuun gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru ibsame.

Magaalaa Finfinneetti hooggantoonnii fi jiraattonni kutaa magaalaa Gullallee Paarkii Inxooxxootti sagantaa ashaaraa magariisaa adeemsisaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa kutaa magaalichaa Waldee Wegesee, sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltoonnii fi boolloon dursanii qophaa’uu yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa hojjettootaa fi jiraattonta kutaa magaalichaa hirmaachisuun biqiltuu dhaabuun akka jalqabame ibsaniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa naannoo eeguun cinaatti wabii nyaataa mirkaneessuu fi carraa hojii lammiileef uumuun gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru eeranii, biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuun ittifufa jedhaniiru.

Hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa kutaa magaalaa Gullallee Yikkeber Simaachoo , sagantaa ashaaraa magariisaatiin biyya jijjiirama haala qilleensaa damdamatu ijaaruuf taasifamu milkeessuuf tumsaan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Kanneen saganticharratti hirmaatan keessaa Ashannaafii Booranaa fi Elsaabeet Geetinnat, ashaaraasaanii kaa’uutti gammaduusaanii ibsaniiru.

Kanaaf biqiltuu dhaabuun cinaatti yeroo yerootti kunuunsuun firii akka godhatan akka hojjetan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015