Sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa jira

Adoolessa 01/2016(TOI) -Sagantaan Jalqabbii Ashaaraa magariisaa Sadarkaa naannootti naannoo  Giddugaleessa Itiyoophiyaatti bakka bulchaan Naannichaa obbo Indaashaaw Xaasoon argamanitti Magaalaa Duraameetti eegaleera.

 

Sagantaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa kun mooraa Yunivarsiitii Waachaamoo keessatti bakka bulchaan naannichaa obbo Indaashaawu xasoo argamanitti eegalame.

 

Sagantaan mata duree  " Biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota ittifufsiisu" jedhuun waajjira qonna naannichaatiin qophaa'een gaggeeffamuun biqiltuuwwan faayidaa adda addaaf oolan naannichatti akka dhaabaman eerameera.

 

Biqiltuu dhaabuun cinatti hojiiwwan wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jiranii fi sanadiiwwan karoora fuulduraarratti qophaa’an dhihaatanii mariin taasifammaa jira.

 

Carraaqqii hiyyummaa keessaa bahuun nyaataan of danda’uuf taasifamu deeggaruuf qabeenya naannichi qabutti fayyadamuuf xiyyeeffannoon kennamuunsaa ibsameera.

 

Sagantaa har'aattiin sanyiiwwan avokaadoo fooyya'aan kumni 10 guyyaa tokkotti akka dhaabamis eerameera.

 

Af-yaa’iin muummee Mana Maree Sablammoota Naannichaa fi miseensonni hoggansa Yuunivarsiitii Waachaamoo dabalatee bulchitoonni naannoo fi Godina addaa biroo saganticha irratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015