Sagantaan ashaaraa magariisaa baranaa Dirreedawaatti ifatti jalqabame

Adoolessa 01 /2016(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa baranaa kan biqiltuuwwan addaddaa itti dhaabaman Dirreedawaatti ifatti jalqabame.

Kantiibaan magaalaa Dirreedawaa Kadir Juhaar fi miseensonni Kaabinee saganticha ganda baadiyyaa Harlaatti argamuun jalqabsiisaniiru.

Hojjettoonni mootummaa fi kutaaleen hawaasaa magaalaa fi baadiyyaa sadarkaan jiran sagantaan ashaaraa magariisaa mata duree “biyya biqiltuu dhaabdu, dhaloota ittifufsiisu” jedhuun bakka hawata tuuristii ganda Harlaatti jalqabame irratti hirmaataniiru.

Ashaaraa magariisaa baranaatiin bulchiinsa magaalaa Dirreedawaatti biqiltuuwwan gaaddisaa,kuduraa, bosonaa fi miidhaginaa miiliyoona sadii dhaabbiif kan qophaa’an yoo ta’u,  kana keessa miiliyoona 2 tuqaa 8 kan ta’u Dirreedawaa fi gandoota baadiyyaa kan dhaabaman ta’uun ibsameera.

Kan hafan naannolee ollaa fi biyya ollaa Jibutiif kennuun naannolee ollaa bahaa fi biyyoota misooma ashaaraa magariisaan walitti hidhamiinsa uumuuf nihojjetama jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015