Naannoo Gambeellaatti sagantaan ashaaraa magarsaa bara kana ifatti jalqabame - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Gambeellaatti sagantaan ashaaraa magarsaa bara kana ifatti jalqabame

Adoolessa 1/2016(TOI) - Naannoo Gambeellaatti sagntaan ashaaraa magariisaa bara kana ifatti har'a jalqabame.
Saganticha Pirezidaantiin naannichaa obbo Umood Ujuluu kan jalqabsiisan yoo ta'u; hoggantoonni hojii mootummaa naannichaa biroonis irratti argamaniiru.
Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan Maangoo, Avookaadoo, Paappayyaa, Zayituunii fi biqiltoota nyaataf oolaan biroon kan dhaabaman ta'uun eerameera.
Sagantaan ashaaraa magariisaa bara kanaa naannichatti har'a eegalame hawaasa hirmaachisuun kan geggeeffamu ta'uun ibsameera.