Bulchaan bulchiinsaa Dastaa Leedaamoo sagantaa biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa baranaa sadarkaa naannootti  jalqabsiisan

Waxabajjii 28/2016(TOI)- Bulchaan bulchiinsaa naannoo Sidaamaa Dastaa Leedaamoo sagantaa biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa baranaa sadarkaa naannootti aanaa naannawa Hawaasaa ganda Umbullee Waaccootti ifatti  jalqabsiisan.

Bulchaan bulchiinsichaa sagantaa biqiltuu dhaabuu mata duree “biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota biyya ceesisu” jedhuun adeemsifamu har’a jalqabsiisaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaatiin barana naannichatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban akka dhaabaman himameera.

Biqiltuuwwan dhaabaman keessaa nyaaaataa namaa fi nyaata looniif kan oolan keessatti ni’argamu.

Biqiltuun kun lafa heektaara kuma 29 irratti akka adeemsifamu ibsameera.

Af-yaa’iin mana maree naannichaa adde Faantaayee Kabbadaa, ittaanaan bulchaa bulchiinsaa Bayyanaa Baraasaa fi waajjira paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee naannichaa obbo Abrihaam Maarshaalloo dabalatee hooggantoonnii olaanoo fi kutaaleen hawaasaa garagara sagantaa jalqabsiisaarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015