Obbo Musxafee Mahaammad naannoo Somaaleetti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaa jalqabsiisan

Waxabajjii 26/2016 (TOI) - Pirezidaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad sadarkaa naannichaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kana jalqabsiisan.

Obbo Musxafeen sagantaa kana kan jalqabsiisan naannawwaa Rizoortii Turizimii Shabalee ijaarama jiutidha.

Sagantaa kanarratti obbo Musxafee dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa naannichaa biroo fi hojjetoonni mana hojii mootummaa hirmaataniiru.

Sagantaa kanarratti pirezidaanit Musxafeen sagantaan ashaaraa magariisaa qabeenya uumamaa eeguu fi jijjirama haala qilleensan dhiibbaa gahu xiqqeesuuf gargaara jedhaniiru.

Naannichatti bara kana biqiltuu miliyoona 13 dhaabuuf kan karoorfame ta'uu himanii hanga ammaatti buufatalee biqiltuutti biqiltuun miliyoonni 9 qophaa'eera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015