Baratoonni har'a Yuunivarsiitii Samaraarra eebbifaman hojii qulqullina naannoo hojjetan - ENA Afaan Oromoo
Baratoonni har'a Yuunivarsiitii Samaraarra eebbifaman hojii qulqullina naannoo hojjetan

Waxabajjii 26/2016(TOI - Baratoonni Yuunivarsiitii Samarrarra har'a eebbifamaan hojii kununsa naannoo hojjetan.
Baratooni kunneen Yuunivarsiiticharra waaree booda kan eebbifaman yoo ta'u duula qulqullina naannoo Baratoonnii eebbifamtoonni geggeessan kanarratti Pirezidaantiin Yuunivasriistii Samaraa Doktar Mahaammad Usmaan argamaniiru.
Doktar Maahaammad Usmaan wayita kana baratootaan '' waggoota darban naaannawwaa fi mooraa keessan kan keessatti beekumsaa fi ogummaa horachaa turtan yeroo itti gad dhiistanii deemuuf jirtanitti qulqulleessuun keessan baay'ee nama gammachiisa'' jedhaniiru.
Guyyaa gammachuu keessanitti hojiin sin har'a hojjetan turtiin isin Yuunivarsiitichatti gootaan kan hin dagatamne ta'uu kan agarsiisudha jedhaniiru.
Hojiin kun Yuunivarsiitiwwaan biroofis fakkeenya kan ta'u ta'uu eeranii; hojiin kun walooman turuu keessanii fi hirmaannaa isin hojii hawaasummaarratti qabdaniif agarsiiftudhas jedhaniiru.
Yuunivarsiitichi guyyoota adda addaa moggaasuun torbee tajaajila hawaasummaa geggeessaa turuu himanii, dorgommiiwwan Ispoortii fi kanneen biroos raawwatama tureera jedhaniiru.
Yuunivarsiitiin Samaraa guyyaa har'aa waaree booda baratoota digirii jalqabaa fi lammaaffaan barsiisaa ture ni eebbisiisa.