Sagantaan Ashaaraa magariisaa naannawa Baaleetti hojjetamu qorannoo saayinsaawaan akka deeggaru Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu ibse

Waxabajjii 25/2016(TOI)- Sagantaan Ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuu naannawa Baaleetti hojjetamu caalaatti bu’a qabeessa akka ta’u qorannoo saayinsaawaan akka deeggaru Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu ibse

Hawaasni Yuunivarsiitichaa inistiitiyuutii lubbeeyyii heddumminaa Itiyoophiyaa damee Gobbaa waliin ta’uun mata duree  “biyya biqiltuu dhaabdu, dhaloota ittifufsiisu” jedhuun sagantaa biqiltuu dhaabuu har’a adeemsiseera.

 Pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa doktar Ahimad Kaliil akka jedhanitti, hirmaannaa milkaa’inaa ashaaraa magariisaa yeroo yeroon taasifamu cinaatti Yuunivarsiitichi biqiltuu dhaabuu karaa saayinsaawaa nideeggara.

Qorannoowwan hayyoonni yuunivarsiitichaa lubbu qabeeyyii fi eegumsa fi kunuunsa qabeenya uumamaa irratti taasisaa jiran agarsiiftuu kanaa akka ta’e himaniiru.

Qorannoowwanii fi hojiin biqiltuu dhaabuu haala qilleensaa  fi rakkoolee naannawarratti dhiibbaa uuman qora

nnoon adda baasuun deebii kennuuf qooda guddaa akka qaban eeraniiru.

Hojiin ashaaraa magar
iisaa biqiltuu dhaabuu jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu akka dandeessisuu fi haala guddina dinagdeef furmaata ta’uun hojjetamuu akka qabu himaniiru.

Hawaasni Yuunivarsiitichaa sagantaa ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuu baranaatiin hirmaachaa akka jiru himanii, sagantaa biqiltuu dhaabuu har’a adeemsifame akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii heddummina lubbuu Itiyoophiyaa doktar Mallasee Maariyoo gamasaaniin, inistiitiyuutichi qooda fudhattoota addaddaa waliin qindaa’ee eegumsa naannoorratti hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Keessumaa lafti  bosonni irraa manca’e akka bayyanatu waan taasifameef bineensonni bosonaa badanii turan akka debi’anii fi madden akka gabbatan taasisaa akka jiru eeraniiru.

Miseensota hawaasa Yuunivarsiitichaa biqiltuu dhaabuurratti hirmaatan keessaa barsiisaa Abdulfattaah Abduu, sagantaa ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuurratti hirmaachuun alatti milkaa’inasaaf qorannoon deeggaruuf yaalii taasisaa akka jiran dubbataniiru.

Sagantichi lafa bosona uwwisuuf kuduraa fi muduraa akkasumas biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuu waan ofkeessaa qabuuf fayyadamummaa hawaasaa egereef kan mirkaneessu ta’uu kan dubbatan ammoo obbo Xilahuun Gammachuuti.

Sagantaa biqiltuu dhaabuu kutaa magaalaa Gobbaatti hawaasa Yuunivarsiitichaan taasifamen biqiltuuwwan bosonaa, kuduraa, nyaata loonii fi kanneen biroo dhaabamuusaanii beekuun danda’ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015