Dhaloota beekumsaan qaroomsuun cinaatti madaallii uumamaa eeguuf qooda keenya nibaana-pirezidaantii Yuunivarsiitii Waallaggaa - ENA Afaan Oromoo
Dhaloota beekumsaan qaroomsuun cinaatti madaallii uumamaa eeguuf qooda keenya nibaana-pirezidaantii Yuunivarsiitii Waallaggaa

Waxabajjii 21/2016-(TOI)- Dhaloota beekumsaan qaroomsuun cinaatti madaallii uumamaa eeguuf qooda keenya nibaana jedhan pirezidaantiin Yuunivarsiitii Waallaggaa.
Sagantaan biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa baranaa hawaasa Yuunivarsiitii Wallaggaa, fi tola ooltota hirmaachise jalqabameera.
Barattoonni mana barumsaa bultii addaa Yuunuvarsiiticha jalatti argamu sagantaa kanarratti himaataniiru.
Piezidaantiin Yuunivarsiitichaa doktar Hasan Yuusuuf wayita kana akka jedhanitti, waggoota darban sagantaan biqiltuu dhaabuu hawaasa Yuunivarsiitichaa hirmaachise adeemsifamaa tureera.
Haala Kanaan Yuunivarsiitichi barsiisota, barattootaa fi hojjettoota kaampaasota sadan keessatti qabu hirmaachisuun biqiltuu dhaabaa turuusaa dubbataniiru.
Bara kanas kaampaasotasaa Naqamtee, Gimbii fi Shaambuutiin biqiltuuwwaan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 5 caalu akka dhaabaman mirkaneesseera.
Biqiltuun kun lafa heektaara 20 irra akka dhaabamu eeranii, Yuunivatsiitichi barana karaa adda ta’een biqiltuu ofumaa qopheessee dhaabaa akka jiru dubbataniiru.
Biqiltuu hawaasa Yuunivarsiitichaan dhaabamu malees qonnaan bultoonni naannawaas biqiltuuwwan kanneen fudhatanii akka dhaabaman taasifamaa akka jiru eeraniiru.
Yuunivarsiitiin Wallaggaa dargaggoota biyyattii iddoo garagaraarraa simatu beekumsaan qaroomsuurra darbee madaallii uumamaa eeguuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru himaniiru.
Miseensonni hawaasa Yuunivarsiitichaa dhaloota dhufuuf ashaaraa kaa’uuf jecha biqiltuu dhaabuurratti hirmaachaa akka jiran dubbataniiru.
Miseensonni hawaasa Yuunivarsiitichaa biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsaa akka jiranis ibsaniiru.