Naannichatti ganna kana biqiltuu miliyoona 70 dhaabuuf qophiin taasifameera

Waxabajjii 19/2016(TOI) - Naannoo Beenishaangul Gumuzitti bara kana biqiltuu miliyoona 70 dhaabuuf qophiin taasifamuu Pirezidaantiin naanniichaa obbo Ashaadilii Hasan beeksisan.

Obbo Ashaadilii Hasan TOI'tti akka himanitti sagantaan ashaaraa magariisaa akka biyyaatti hojjetama jiru galma akka gahu naannichi gama isaan xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Haaluma kanaan hojii ashaaraa magariisaa ganna bara kanaaf bakki biqiltuun itti dhaabatuu fi biqiltuun dhaabatu qophaa'uu himaniiru.

Naannichatti ganna kana sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu miliyoona 17 dhaabuuf qophiin taasifamuu obbo Ashaadiliin ibsaniiru.

Ganna kana guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 15 dhaabuuf qophiin gahaan taasifamuus eeraniiru.

Naannichatti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuun dhaabamaa turanii fi dhaabamuuf qophaa'an harki caalaan isaanii kuduraa fi fuduraa nyaataf oolan ta'uu himaniiru.

Kunis naannichatti hojii wabiin nyaatan of danda'uuf hojjetamu kan utubu ta'uu ibsaniiru.

Naannichaatti waggoottan darban sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuun miliyoonni 55 dhaabamuu ragaan Biiroo Qonna naannichaarra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015