Raaga haala qilleensaa dhaabbata meetrooloojirraa argatan misooma qonnaa beekumsaan geeggessuuf deeggaraa jiraachuu qooda fudhattoonni dubbatan

Waxabajjii 07/2016(TOI)-Raaga haala qilleensaa dhaabbata meetrooloojirraa argatan misooma qonnaa beekumsaan dabaalamee fi haala qabatamaa jiddugaleessa godhate geeggessuuf deeggaraa jiraachuu qooda fudhattoonni dubbatan

Inistitiyuutiin meetrooloojii Itiyoophiyaa damee kibba baha Oromiyaa gama isaatiin, raaga haala qilleensa yeroo gannaa bara 2016 qooda fudhattootaaf ifoomsee jira.

Qooda fudhattoonni yaada kennaniin raagni haala qilleensaa dhaabbaticharraa yeroo gara yerootti argatan miidhaa dhaqqabuu malu xiqqeessuuf isaan qarqaaraa jiraachuu dubbatan.

Raagni dhaabbatichaan kennamu caalmaan xiinxala hamma roobaa, seensaa fi bahiinsa isaa ta'uu dubbatan.

Raagni kennamaa jirus haala qabatamaa wajjiin kan walitti dhihaatu waan ta'eef hojii misooma qonnaa beekumsaan dabaalame geggessuu keessatti tumsaa jiraachuus akeekan.

Damee Inistiitiyuutichaatti Ogeessi raagaa fi gamaggamaa meetrooloojii Obbo Damisee Taaddasaa gama isaaniitiin akkaataa raagni haala qilleensaa agarsiisuun godinaaleen kibba baha Oromiyaatti argaman dhibbantaa 45 ol rooba idilee olii kan argatan yoo ta'u dhibbantaan 40 ammoo rooba idilee dhibbantaan 15 hafan ammoo idilee gadi akka argatan raagamuu dubbatan.

Hojigeggeessaan Inistitiyuutii meetrooloojii Itiyoophiyaa damee kibba baha Oromiyaa Obbo Mulaatuu Warqinaa gama isaaniitiin dhaabbatichi raagaa fi gamaaggama haala qilleensaa qooda fudhattootaaf yeroo gara yerootti kennaa jiraachuu dubbatan.

Yeroo ammaas ta'eelee meetrooloojii bu'ureeffachuun raaga yeroo waqtii gannaa Kan ji'oota  waxabajjii hanga Fulbaanaa turu maal akka fakkaatu qooda fudhattootaaf kennuu isaanii dhugoomsan.

Qooda fudhattoonnis raaga haala qilleensaa tilmaame kana qonnaan bulaa biraan gahuun ittigaafatamummaa isaanii akka bahan akeekkachiisan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015