Dippilomaasii lammileerratti xiyyeeffateen lammileen Itoophiyaa haala rakkisaa keessa turan kumni 27 ol gara biyyaatti deebifameera.

Caamsaa 15/2016 (TOI) - Dippilomaasii lammileerratti xiyyeeffateen Ebla 2016 irraa eegaluun lammileen Itoophiyaa haala rakkisaa keessa turan kumni 27 fi 57 ol gara biyyaatti deebifamuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa ambaasaaddar Nabiyyuu Taadilaa, hojiiwwaan dippilomaas ijoo ta'an kan torban darbe hojjetamanii fi kan fuula dulaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin dippilomaasii lammileerratti xiyyeeffateen lammilee Itoophiyaa biyya alaa jiratan kan sanada hin qabnee gara biyya isaaniitti deebisuu, lammileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan sosochii Itoophiyaa Qulqulluuf deeggarsa akka taasisan akkasuma dippilomaasii qaama hedduu hirmaachiseerratti hojii hojjetame eeraniiru.

Haaluma kanaan sosochii Itoophiyaa Qulqulluu kan Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimadiin ifoomeef lammilee Itoophiyaa biyya alaa jiraatan, dhalatoonni Itoophiyaa, Imbaasiiwwan Itoophiyaa deeggarsa maallaqaa taasisuu ibsaniiru.

Gama kanaan deeggarsa birrii miliyoona 20 walitti qabuuf karoorfamee hanga Caamsaa 12/2016'ttI waliigalaan birrii miliyoona 36 walitti qabuun danda'amuu himaniiru.

Ebala 2016 irraa eegalee lammilee Itoophiyaa biyya alaa jiraatan kan haala rakkisaa keessa turanii fi sanada biyya sana keessa jiraachuu hin qabne gara biyya isaanitti deebisuuf koreen biyyaalessaa ijaaramee erga galeen booda lammilee kuma 27 fi 57 gara biyyaatti deebisuu akka danda'ame ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015