Naannoo Tigraayitti Ganna dhufu biqiltuu miiliyoona 20 ol dhaabuuf qophiin taasifamaa jira.

277

Bitootessa 27/2016 (TOI) - Naannoo Tigiraayitti ganna dhufu dhaabuuf biqiltuun miliyoonni 20 qophaa'aa jirachuu Biiroon Qonnaa fi eegumsa qabeenya uumamaa bulchiinsa yeroo naannichaa beeksiseera.

Biirichatti daarektarri Misooma fi ittifayyadama bosonaa obbo Tasfaay Teklehaayimaanoot TOI'tti akka himanitti; Ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu miliyoona 20 dhaabuuf qophiin taasifama jira jedhaniiru.

Naannichaatti hojiin kununsa qabeenya uumama hojjetama jirachuu himanii bara kana lafa heektaara kuma 38 irra biqiltuu dhaabuuf hojjetama jirachuu himaniiru.

Hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii bona darbe hojjetameen jiidha kuusuun hojii misooma bosonaa ganna kana hojjetamuuf haala mijataa uumaa jira jedhaniiru.

Barbaachisummaa misooma bosonaa fi eegumsa naannoo irratti hojiin hubannoo uumuu hojjetamuus himaniiru.

Yeroo ammaa naannichatti bufataalee biqiltuu adda addaa keessatti biqiltuun miiliyoona 20 fi kuma 556 biqilfamaa jiraachuu ibsaniiru.

Biqiltoonni naannichatti buufataalee biqiltuu mootummaa, waldaa fi dhuunfaa 195 keessatti qophaa'aa jiran harki caalaan isaanii fayidaa dinagdee kan qaban ta'uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015