Jila Atileetiksii Shaampiyoonaa Qaxxaamura Addunyaa 45ffaarratti hirmaateef simannaan taasiifame

168

Bitootessa 24/2016 (TOI) – Jila Atileetiksii fiigicha Shaampiyoonaa Qaxxaamura Addunyaa 45ffaa magaalaa Beelgireedirratti hirmaachuun qabxii gaarii galmeesseef simannaan taasiifameera.

Jilichi waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’u Ministir Deetaa Ministeera Aadaa fi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnatii fi Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Gargaartuun Komishinaraa atileet Daraartuu Tulluun simannaa taasiisaniifiru.

Jilchi fiigicha kanarratti hirmaate Meedaaliyaa Warqee 2, Meetii 6 fi Nahaasii 2 argachuun Addunyaarraa sadarkaa 2ffaan xumuruun kan yadatamuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015