Yuunivarsiitiin Haramaayyaa baratoota ogummaa adda addaa barsiisaa ture 627 eebbisiisaa jira.

Guraandhala 17/2016(TOI) -Yuunivarsiitiin Haramaayyaa baratoota ogummaa adda addaa barsiisaa ture 627 eebbisiisaa jira. 

Yuunivarsiitichi har'a yeroo 68ffaaf bartoota eebbisiisaa kan jiru yoo ta'u kanneen har'a eebbifaman kunneenis ogummaa saayinsii yaala fayyaa, Biisizinee fi dinagdee akkasuma saayinsii kompiitaraan leenjisaa kan turedha jedhameera.

Baratoota eebbifama kana keessaa 327saayinsii yaala fayyaan sadarkaa digirii jalqabaa hanga doktireetiitti kanneen barnoota isaanii yuunivarsiitichatti hordofaa turanidha jedhameera.

Sirna eebba baratootaa kana irratti deetaan ministira Fayyaa doktar Ayyalee Tashoomaa fi  itti aanaa Pirezidaantii naannoo Hararii aadde Roozaa Umar dabalatee hoggantonni mootummaa biroo, maatii bartootaa fi keessummoonni biroon argamaniiru jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015