Aadde Adaanech Abeebee sagantaa tajaajila tola ooltummaa yeroo bonaa eegalchiisan - ENA Afaan Oromoo
Aadde Adaanech Abeebee sagantaa tajaajila tola ooltummaa yeroo bonaa eegalchiisan
Sadaasa 23/2016 (TOI) - Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee sagantaa tajaajla tola ooltummaa yeroo bonaa hojjetamu kutaa magaalaa Addis katamaatti eegalichiisaniiru.
Aadde Adaanech ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin qoodaan akka himanitti ''har'a ganama kutaa magaalaa Addis katamaatti argamuun sagantaa tajaajila tola ooltummaa yeroo bonaan manneen kuma 3 fi 200 deebisnee ijaaruu fi jiruu fi jireenya namoota hedduu hojii jijjiru hojjechuuf jalqabneerra" jedhaniiru
Tajaajila tola ooltummaa yeroo gannaa hojjenneen hojilee lammilee miliyoona 1 ol fayyadamoo taasise hojjennee turrejedhaniiru