Godina Qeellam Wallaggaatti Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaaf deeggarsi birrii miliyoona 13 walitti qabame.

Sadaasa 22/2016 (TOI) - Godina Qeellam Wallaggaatti Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaaf deeggarsi birrii miliyoona 13 gurgurtaa boondii fi kennaan walitti qabame.

Bulchaan godinichaa fi Dura Taa’aan Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidhichaa obbo Gammachuu Gurmeessaa akka himanitti; hidhicha ijaaruuf erga dhagaan bu'uuraa kaa'amee eegalee uummanni godinicha deeggarsa walirraa hin cinne taasisaa tureera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015