Doktar Warqinaa Gabayyoon bakka agarsiisa Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa daawwatan

Sadaasa 22/2016 (TOI) – Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Misoomaa Mootummootaa Baha Afrikaa doktar Warqinaa Gabayyoon bakka agarsiisa Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa daawwataniiru.

Itoophiyaan Yaa'ii Jijjiirama qabeenya qilleensaa COP 28 Dubaayitti gaggeeffama jiruurratti hojiilee Ashaaraa magariisaa beeksisaa jirti.

Doktar Warqinaan yaa'ichaan cinaatti bakka agarsiisaa kana daawwachuu isaanii ragaan Emiroota Araba Gamtoomanitti Embaasii Itoophiyaarraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015