Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii fe'umsaa gara Kaazaabilaankaatti eegaluuf jedhame - ENA Afaan Oromoo
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii fe'umsaa gara Kaazaabilaankaatti eegaluuf jedhame

Sadaasa 22/2016 (TOI) - Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii fe'umsaa haaraa gara Morookoo-Kaasaablaankaatti eegaluuf akka jiru beeksise.
Daandiichi balaliin fe'umsaa gara Kaazaabilaankaatti taasisu kun Kaaba Afrikaatti isa jalqabaati jedheera.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaa akka beeksiseetti; lakkoofsi balalii fe’umsaa daandiin qilleensaa kun Afrikaa keessatti taasisu isa kana waliin 34 gaheera.