Itiyoophiyaa fi Israa’eel hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf waliigalan

Sadaasa 21/2016(TOI)- Itiyoophiyaa fi Israa’eel hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf waliigaluusaanii ibsame.

De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Israa’eel  Alleliny Admaasuu waajjirasaaniitti simatanii haasofsiisaniiru.

Marii kanaanis hariiroo biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf ture caalaatti cimsuuf waliiti fufuun yaada waljijjiiruun akka barbaachisu ambaasaaddar Misgaanuun ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.

 

Fuuldura hariiroo kana cimsuuf hojmaatota biyyoota lamaanii sakatta’uu fi marii siyaasaa taasisuun akka barbaachisu ambaasaaddar Misgaanuun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015