Guyyaan sabaa fi sablammootaa kabajamuunsaa sablammoonni caalaatti akka walbeekanii fi walitti hidhamiinsasaanii akka cimsan carraa uuma

Sadaasa 21/2016 (TOI) - Guyyaan saba sablammootaa fi ummattootaa kabajamuunsaa sablammoonni caalaatti akka walbeekanii fi walitti hidhamiinsasaanii cimsan carraa uumuusaa ittigaafatamaan biiroo komunikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa dubbatan.

Waltajjiin marii Gumii Balan 35ffaa mata duree “Sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaa biyyaaf” jedhuun har’a waajjira pirezidaantii naannoo Oromiyaatti taa’ameera.

Mariin qindeessummaa waajjira pirezidaantii fi biiroo komunikeeshinii naannichaan qophaa’u guyyaa saba, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa barana naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti kabajamu sababeeffachuuni

Waltajjicharratti kan argaman ittigaafatamaan biiroo komunikeeshinii naannoo Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa akka jedhanitti, sirni federaalaa bu’aa qabsoo ummattootaa waloo ta’e tokkummaa ummataa cimsaa akka jiru yaadachiisaniiru.

Heerri mootummaa sanada waadaa waloo ummattootaa ta’e kan itti ragga’e Sadaasa 29 bu’uureffachuun kan kabajamu guyyaan saboota, sablammootaa fi ummattootaa waggaa waggaan kabajamuunsaa waliti hidhamiinsa ummataa cimsaa jira jedhaniiru.

Guyyaan kun kabajamuunsaa sablammoonni akka walbeekan taasisuun olitti tokko kan biraa akka beekuu fi walitti hidhamiinsa isaanii akka cimsatan carraa uumuusaa ibsaniiru.

“Ayyaanicha kabajuun olitti waliif yaaduun, walkabajuu fi walooma cimsuun misoomatti cimnee dhaloota dhufuuf biyya badhaate ceesisuurratti xiyyeeffachuu qabna” jedhan.

Barreeffama mariif ka’umsaa ta’u kan dhiheessan barsiisaa federaalizimii univarsiitii Finfinnee doktar Tasfaayee Jimaa gamasaaniin, biyyootaakka Itiyoophiyaa afaan, aadaa, amandaa addaddaa qabaniif federaalizimii sabdaneessummaarratti hundaa’e akka wayyuuf kaasaniiru.

Ittidabaluunis hanqinoonni sirna federaalizimiirratti mul’atan guutuu taasisuun fi biyyoota guddatanirraa muuxannoo fudhachuun hojeessuun biyya cimtuu fi badhaate ijaaruu akka dandeessisu himaniiru.

Hirmaattonni yaada kaasaniin federaalizimii sabdaneessummaa keessummeesse  ijaaruun hojii yeroo tokkoo osoo hinta’iin walirraa baruu fi waliif yaaduun yoo deemnedha jedhan.

Hooggantoonni federaalaa fi naannolee, hayyuuleen federaalizimii fi seeraa fi qorattoonni damee kanaa waltajjii kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015