Yuunivarsiitiin Maqalee baratoota haaraa kuma 1 simatee barsiisuuf qophaa'eera

Sadaasa 21/2016 (TOI) - Yuunivarsiitiin Maqalee baratoota haaraa Ministeerri Barnootaa ramade kuma 1 simatee barsiisuuf qophaa'uu beeksise.

Daarektarri Korporeeti kominikeeshinii yuunivarsiitichaa doktar Tikaboo G/silaasee TOItti akka himanitti Yuunivarsiitichi sadaasa 28 hanga 30/2016tti baratoota haaraa simachuuf qophii gahaa taasiseera.

Yuunivarsiitichi Addiharqii dabalatee mooraa lamaanitti baratoota saayinsii uumamaa fi hawaasa baratan simachuuf qophii taasisuu himaniiru.

Bakka barnootaa, nyaataa fi kutaalee ciisichaa dabalatee nageenya mooraarratti qoohiin gahaan taasifamuu himaniiru.

Haala nageenyaa naannichatti umamee fayyadamuun yeroo ammaa baratoota buleeyyii simatee barsiisaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015